Sareen nu nyaatte jedhanii
Waraabessaan Firoomuree
Foon ofii ajaa'eedhaaf
Foon ormaa Filaturee

Har'a yoo miidhamnes
kalee akkamiin dagannaa
Inni naaf firoomusaa
Maal wabii godhannaa

Seenaasaa yoon saaqu
Innoo kan biraatii
kan sabakoo nyaatee
Akka bineensattii

Maalsaa abdadhuree
kaleesaa dagadhee?
Akkamiin hiriiruu
kankoo diineffadhee?

Gonka si amanuun
Lakkii natti haahafuu
Kan kaleessa nyaatte
Na dhorkeeraa rafuu

Naaf deebistuu laataa
Gaaffii hedduun qabaa
Isa kurnee sadii
Eessa keesse isaan
Jarreen qaalii sabaa

Jaal Guutamaa Hawaas
Jaal Nadhii Gammadaa
Situ isaan balleessee
Lammiif Fiddee gaddaa

Atoo gantuu turtee
Kan nyaattee Qaxalee
Eebbisaa Addunyaaf
Yoosef Gammachuullee

Kanaaf si hin amanuu
Nagaatti Wayyaanee
Si'itti hin firoomuu
Irbuu Sabaa Ganee