~ SELF-CARE RULES

image

Akkas jedhe:
Ani jaarsa umrii waggaa 65'ti. Ergan dhaladhee guyyaan taa'ee boqodhee aara galfadhe hin jiru. Lafti bariitu, dhiitus kan koo joorumaa fi dadhabbii dha. Waggaa 65'n kana keessatti bu'aan buufadhe yoo jiraate goophoo dugdaa fi baqaqaa koomee koo qofa dha. Lafaa fi bultii gaarii qaburraan bara Dargii keessa gara dirree waraanaatti ergame. Gara maatii kootti deebi'ee argee dubbisuuf carraas taee eeyyama hin arganne. Biyyoota ollaa mara keessa deemuun dirqama koo hedduu bahee jira. Otuu maatii koo waliin quba wal hin qabaatiin dirree waraanaa bara hedduun ture. Akka ammaa kana addunyaan kun ollaa hin taane; bilbilli hin jiru maatii koof xalayaa barreessaan ture. Garuu xalayaan isaan irraa naaf dhufe hin jiru. Kunis yaaddoo cimaa natti ta'aa ture. Maatiin koo lubbuun dhumaniiruu laata? kan jedhus natti dhagahama.
Yeroo tokko tokkommoo lakki isaan xalayaa naaf barreessuu hin dhiifne. Garuu warra itti kennametu karaatti hambisa ykn bakka dogoggoraniitu xalayichi garadarba jedheen of jajjabeessa ture. Egaa turtii koo waggaa 15 waraana keessa tureen dhumarratti cinaachi koo gartokko rasaasaan waan rukkutameef, akkan ani waraana gadhiisee bahu hooggantoonni koo murteessan.
Gaafan achii bahu harka qullaa koo xalayaa waraana gadhiisee bahuu koo ibsu qofa harkatti qabadheen garan biyya dhaladheetti deebifame. Waraana keessatti ciminaa fi kallattii diinni jiru adda baasanii beekuutiin kutaa waraanaa sana keessaa kan na madaalu hin jiru ture. Garuu sadarkaan guddinaa tokkollee osoo naaf hin kennamiin waggaa 15 guutuu biyya abbaa fi akaakayyuu koo lafee nyaattee anatti darbiten tajaajile. Egaa akkuman isiniin jedhe gara maatii kootti yeroon qajeelu miira hin taanetu natti dhagahama ture. Iddoon rukutamee ture ammallee na dhukkuba. Karaa kana yemmuun deemu maalittan gala laata jedheen dhiphadha ture.
Mee isinuu yaadaa, namni waggaa 15 afuura warrasaan ala jiraate miira akkamii akka horatu. Kana hunda biyya anaafis ta'ee maatii kootiif, akkasumas biyya eenyummaa kootiifuu dhimma hin qabneefan aarsaa tahe.
Guyyoota muraasa booda yemmuun qe'ee koo ga'u, manni koo achi hin jiru. Maali lafatu sigigaatemoo jedheen of gaafadhe. Edaa maatiin koo hundi buqqa'anii naannoo waliin jireenyatti deemaniiru. Warri dur na beekan na wallaalaniiru.
Akkumasaatti of barsiiseen maatiin koo garam akka dhaqan gaafannaan, akka bakkichaa godaanan natti himan. Edaa ijoollee koo dhiiraa xixinnoon ani manatti dhiisee deemes hundi waraana dhaqanii achitti lubbuun akka darban maatii kootti himameera. Haati manaa koo anas, sagalee koos dhaggeeffattee dadhabdee nama biraatti heerumteetti. Egaa anis iddoon dhaqu waan hin qabneef, ija haadha manaa koo miliquu akka qabun murteesse.
Otuu turee hin bulin mootummaan Dargii kufee kan Wayyaanee aangootti dhufe. Yeroo sanas na qabanii ammas umriikoo waggaa 9 mana hidhaa keessattin gube. Yeroon achii bahu jiruun koo karaarratti kufuu ta'e. Nama na gargaaru tokko hin qabu. Kanan uffadhu tokkos ofirraa hin qabu ture. Moofaa erbuunuu quba na quncaaseera. Hamma humni koo danda'etti umrii koo kanaan ciisee hin du'u jedheen namaaf ba'aa baadhee nyaata koo nyaadhee buluu jalqabe. Isumayyuu gaafan dhabemmoo agabuuma koon ciisa ture.
Miilli koo kan biyyatti sanaaf jedhee lafa hedduu dhaqee dhiiga dhangalaase, amma kunoo kophee dhabee baqaqaan isaa suluula qinxamaa na fakkaateera. Kun hunduu bu'aa biyya maqaa keenyaan dhaabattee unuun nu nyaattuuf jecha duulee otuu waa tokkollee hin argatiin balaaf saaxilamuu kootu na aarsa.
Elaa ani kanaan booda miilli koo tokko boolla keessa dha. Yaa ijoollee koo isinan gorfadha. Ammas warri na dhagahuu dandeessan gorsakoo caqasaa. Isa biyyi itti jiru nan dhagaha. Mootummaan amma jiru kunis diina horachaa jira. Kun ammoo lubbuu namootaa gaaga'aa, maatii bittinsaa, fi boo'icha guyya guyyaa nuuf ida'aa jira.
Nama karaa tokkorra deemetu waa'ee karichaa beeka. Itoophiyaatiif duuluun bu'aa tokko hin qabu, anarraa baradhaa. Dammaqaa diinni fagoo hin jiru, isuma isinitti dhiyoo jiru kana ofirraa cabsaa gataa. Sana booda waraannis, diinnis badee nagaan jiraattu. Anillee yoon du'e ekeraan koo boqata. Biyya dhiiga keenyaan ijaaramtee maqaa biraan waamamtu, ishee nu finciltu kana keessaa harka fudhadhaa. Nan amana yaa ilmaan koo, gorsa koo hin tuffattani.
©©©¤©©©¤©©©¤©©©¤©©©
Qalbeeffadhaa waaqni tokkichi qalbii isinitti haa horu. Akka koo koomee baqaqaa fi moofaa hodhuutti hin hafiinaa. Isin kumaatamaaf miliyoonni maaliif orma barbaadduu? Maaliif diina gurmeessitanii ofii biyya dhabduu? Maaloo wal hin miidhiinaa; isin ilmaan haadha tokkooti diina waliin maaliif ofitti garagaltu? Guyyaa darbuuf jettanii wal hin jibbiinaa. Gaafa waa gootan hedduu hin gammadinaa; yoo raawwachuu dhabdanis hedduu hin gaddinaa. Waan balleessitan wal gorfadhaa irraa baradhaa malee eeboo walitti hin luqqifatinaa.
Biyyi keessan Oromiyaa qofa kaan hunduu ollaa dha. Ollaaf bultanii mana keessan hin jeeqinaa. Warra waliif baree walirraa baru ta'aa!
©©©¤©©©¤©©©¤©©©¤©©©
| | | | | |
Seenessaa: Ammayyuu Taasisaa
| | | | | |
Dec. 04/2020, Frankfurt Germany.

image

Onkololeessa 30, 2013 ALI

"Daa'ima waggaa saddeetii ta'een of ajjeeesuun narra jira jedheen yaade. Sababiinsaa abdii hin qabun ture. Kanaaf harka kennuun yaale, abdii kutachuu. Yennaa umuriinkoo waggaa kudhanii, bishaan mana keessa jiruun of ukkaamsee of ajjeesuuf yaaliin godhe. Abbaakootti, "bashannanuu barbaadeenii"n jedheenii. Garuu dhugaadhaan jiraachuu dhaabuun barbaade. Na gaheera ture. Namoonni waan gadi na qabaniif baay'ee natti ulfaate. Ani nama guutuu fi gahaa akkan hin taane amanuun eegale. Nama dadhabaafi nama kufe akkan ta'e amanuun eegale. Nama namoonni jaalatan yookiin sifeeffatan tasa ta'uu akkan hin dandeenyen amanuu eegale. Haalan keessa ture jijjiiruu hin dandeenye, guyya tokko ganama ka'ee, 'harkaaf lukan barbaada, harkaaf luka naa kenni!' jechuu hin dandeenye. Gaaffiiwwan qaba ture, garuu deebii hin qabu ture. Abbaakoof haadhakoo "maalif kun ta'e?" Jedheen gaafadhe. Ogeeyyii fayyaadhaan "maalif kun ta'e?" Jedheen gaafadhe. Hin beekani.

Jireenya keessatti wantoonni to'annookee ala ta'anii ati jijjiiruu hin dandeenye, kan waliin jiraachuuf dirqamtu jiru. Filannoon nu qabnu ammoo lama,harka laachuu/abdii kutachuu yookiin deemsa keenya itti fufuu. Kanaaf yennaa kuftu maal goota? Deebitee kaata. Kana namni hundi beeka. Sababiinsaas yoon deemuu eegale bakka fedhe nan gaha. Garuu sittan hima, jireenya keessatti yeroon tokko tokko jira, yeroon ati kuftee deebitee ka'uuf garuu jabina itti dhabdu. An gajjallaa kanan jira, lafatti galagalee. Harkaaf luka hin qabu. Deebisee ka'uudhaaf waan hin dandahamne ta'uu qaba, garuu miti. Argitee, deebisee ka'uudhaaf si'a dhibba deddeebisee nan yaala, fi yennaa dhibba yoo naaf milkaahuu baate, naa milkaahuu baatee abdii yoon kute deebisee nan ka'a jettee yaaddaa? Lakki, garuu yoo naa milkaahuu baate, irra deebi'ee yoon yaale, ammas ammas irra deddeebi'ee yoon yaale hamman yaaluukoo itti fufetti yennaa hunda carraa deebisee ka'uu nan qaba. Hamma abdii kuttee harka laattutti kun dhuma miti, ammallee abdii qabda. Arrabsamuun, mana caccabaa qabaachuun akkam akka ulfaatu hin beeku, garuu laphee cabe qabaachuun akkam akka ta'e beeka fi qofaa ta'uun maal akka ta'e beeka. Garuu kun dhuma akka hin taane akka beektun barbaada. Haalli ati itti xumurtu murteessaadha. Ciminaan xumurtaa? Yoos cimina itti deebitee kaatu argatta,.... akka ani ka'e kana."

#haasaa 'Nick Vujicic' walgajjii irratti taasise.

Akkan irraa baradhe, irraa baratta jedhee abdiin qaba.

Aniif ati ciminaan xumurraa laata?

image
About

Barreeffamoota xiinsammuu namaa dagaagsan, gorsa adda addaa, seenaa fakkeenya gaarii ta'an, fi kkf kitaabilee keessaa kan arganne isiniif hirra!
Nu hordofaa! Nu mil'adhaa! Yaada nuuf Kennaa!
Waan nu hordoftaniif galatoomaa!