Gabaa Kappitaalaa (Capital Market)
Gabaa Kappitaalaa jechuun gabaa keessatti qoodni (share), boondii fi dookumentiiwwaanngatii fi fudhatama qaban keessatti gurguramuudha. Gabaa keess qabeenya lamatu jira. Kan jalqabaa Real Asset (qabeenya dhugaa fi oomishaaf barbaachisu arfan: Humna namaa, Lafa, Kappitaala(maashineriifi) interpirinershiip) yoo tahu kan lammataa ammoo qabeenya faayinansii (financial asset) kanneen gabaa kappitaalaa kessatti gurguraman kanneen akka qooda/aksiyoonafi boondii faati (BKM, 2008).
Moggaafamni gabaa kanaa gar gari. Biyya tokko tokkotti Capital market (gabaa Kappitaalaa), gara biraatti ammoo gabaa aksiyoonaa (stock market) ykn Security market jedhuun. Tahullee gabuma Kappitalaa kana keessatti sheerii (aaksiyoona), boondiifi dokumentiiwwaan faayinansii gurguruun ni dandahama.
Gabaan Kappitaalaa kun waan lama gurguddoof raawwata. Kan jalqabaa liqii argachuuf (debt finance)f yoo tahu kan lammataa ammoo Kappitaala dabalachuf (capital finance)f dha. Kunis akkamiin raawwata yoo jedhame debt finance dhaabbatni fayyadamu yeroo muraasaf yoo maallaqa daldala/biizinesii isaanii ittiin baldhifatan dhaban Boondii qopheessanii gurguru. Namni maallaqa harkaa qabu boondii san bitateet irratti dhala argata. Dhaabbatichi ammoo maallaqichaan hojjeteet bu’aa buufata. Capitaala/sheeriin ammoo dhaabbata qooda isaanii hawaasatti gurguruun irra caalaa dhaabbaticha baballisuuf ykn investimentii baayifachuuf hojjetaniidha. Namootni qooda/sheerii dhaabbata sana irraa hin qabne aksiyoona bitachuun abbaa dhaabbatichaa tahu. Dhaabbatichi ammoo Kappitaala ykn Aksiyoona sanaan hojiilee biroo dalaga.
Gabaan Aaksiyoonaa seeraa fi sirna mataa isaa dandahe keessatti raawwata. Gabaan kun akka gosoota gabaa biroo osoo hin taane gabaa amanamummaa, odeeffannoo yeroo yeroon hawaasa gahuufi sirna teeknolojii odeefannoo guddaa baatuu dandahuun gaggeeffama. Gabaan kun gabaa derivative (gabaa lameessoo) jedhama. Gabaa jalqabaa keessatti namootni qabeenya qaban gatii barbaadanitti gurguratu. Gabaan kun primary market (gabaa jalqabaa jedhama). Gabaan kun fakkeenyaf dhaabbileen tokko tokko yoo waldaa aaksiyoonan dhaabbatan bittaa fi gurgurtaa sheerii san kan ibsuudha. Gabaan lammataa ammoo erga dhaabbatichi dhaabbatee ykn aaksiyoonan hundeeffamee booda namni aaksiyoona isaa nama biraatti dabarsuuf gabaa fayyadamauudha.
Akka Lehman Brothers (2008) waa’ee Baankii investimentii irratti jedhanittis gabaan tokko ittin liqii yeroo gabaabaa argachuuf (bond market) yoo fayyadamnu, investimentii yeroo dheeraa hojjechuuf ammoo sheerii gurgurachuu fi dhabbata qaban baballisuufi guddisuun ni dandahama.
SCHWARTZ fi FRANCIONI kitaaba isaanii equity market in action jedhamurratti waa’ee gabaa aksiyoonaa/sheerii kana ballinaan kaasaniiru. Keessahuu Gabaa kana keessatti qooda fudhattonni eenyufaadha kan jedhu kaasaniiru. Muraasnis:
QOODA FUDHATTOOTA
Warra aaksiyoona/boondii ykn dookumentii gurguratu (issuers). Jarri kun jalqaba haala adeemsa initial public offering (IPO) jedhamuun ykn hawaasatti ifoomsutiin sheerii isaanii galmeessifatu. Akka biyya keenyatis dhaabbatni Young and Earnerst jedhamu gara dhaabbileen aaksiyoona 70 ol akka galmaahuu dandahan himeera. Kun ammoo dhaabileen kun harka nama muraasati gara harka hawaasaa akka galu godha. Dhaabbileen murtaahan gabaa jalqabaa (primary market)tti qooda isaanii dhiyeessanii si’a duraaf iddoo itti gurguratan yoo tahu warreen gurguratan kun issuers jedhamu. Akka isaan gurgurataniifis dhaabbatni dhaabbate ykn baankileen investimentii ykn ammoo dhaabbatumti gabaa aksiyoonaa tahe isaan gargaaruu dandaha
Iddoo jijjirraa (exchange): kun ammoo gabaa aksiyoonni erga issue tahee itti gurgurame gabaa lammaffaati. Dhaabileen erga IPOdhan aksiyoona isaani harka hawaasaa galchee miseensotni hawaasa sanaa sheerii dabalataa iddoon itti bitatan ykn kan qaban iddoon itti gurguratan exchange market jedhamu.
Investeroota: Isaan kun ammoo warreen biizinesiif ykn investimentiif sheerii gurguru ykn bituudha. Warren kun baankiirra maallaqas qabu, herreega aaksiyoona ittiin bitanii gurguratanis baankilee irraa qabaatu.
Warra gidduu deemtota (intermediaries): Jarri kun ammoo faddalaa jedhamu. Namootni akka aaksiyoona fi boondii walirraa bitataniif gidduu deemuun akka wal amansiisan godhu. Gatii/comission argatu. Isa “dallaalaa” jennuun sana yoo tahan “professional Brokers” warra ugummaa gabaa kanaa qabaniifi investeroota gorsuu dandahaniidha.
Dhaabilee herreega cufan/settelmet party: dhaabileen kun bittaan sheerii fi boondii yeroo isaa eeggatee akka raawwatu godhu. Guyyaan settlement/cufiinsa adeemsa bittaaf gurgurtaa guyyaa tokko ykn lama booda taha. Guyyoota kana keessatti kan dookimantii ykn boondii bite maallaqa kennee dookuminticha fudhachuu yoo qabatu kan gurgures maallaqni baankitti galuufi qaba.
Centeral counter party/ seera eegsistota: gareen kun bittaaf gurgurtaan gabaa kaappitaalaa keessatti gaggeefame seeran kan raawwatame tahuu ni ilalu. Wal kaadun akka hin ummamneef ni hojjetu. Yoo namni wal dhabe gara seeratti geessu.
Eegaa gabaan Kaappitaalaa hundeeffamuuf wantootni baay'een akka barbaachisan beekkamaadha. Muraasa caqasuuf
Qaamnis seeraa gabaa kana toohatu hundeeffamuu qaba. Mootummaan biyya kanaas Capital market authority dhaabbata jedhamu hundeessuf jira.
Miidiyaa gabaa kana sochii saa gabaasan qabaachuu. Miidiyaaleen kunnenis waa’ee sochii gabaa jala buhanii ni gabaasu. waa’ee dhaabbilee capital market keessa jiranii ummataaf yeroo yeroon ni ifoomsu. Ummatas waa’ee gabichaa ni barsiisu
Qaama seeraa gabaa kanaaf hundeessu. Mana murtii of dandahe kan seera investimentiifi bulchinsa kappitalaa irratti hubannoo qabu hundeessu. Gabaan kaapitalaa gabaa hatattamaan raawwatuufi murteen isaa ariifataa tahe waan taheef capital market judiary hundeeffamuu qaba
Neetworkiifi interneetiin sirritti dalaguu qaba. Bu’uuraleen misoomaa teeknolijii waliin wal qabate keessattuu bittaaf gurgurtaa xumuruuf kan gargaaran sirritti dalaguu qabu. eeggumsillee taasifamuufi qaba. Ibsaanis jiraachutu irraa eegama. Walirraa bituun yoo gaggeeffamu hojiin iddoo lamatti gaggeeffama. Fuulduratti (warreen walirraa bituu) wal simsiisuu fi duubatti ammoo daldala gaggeessuu, herreega maamilaa walmadalchisuu (reconciliation) hojjechuu fi walirraa ficcisiisuu (clearance) dalaguu faatu hojjetama. Kanaaf Teeknolojii fi Interneetiin sirritti barbaachisa.
Baankileen biyya keessa jiran cimuu qabu. Baankileen tokkoffaa aaksiyoona gurgurachuun guddachuu dandahu. Invest gochuus ni dandahu. Lammaffaa hojii gabaa kanaa keessatti hirmaachuun galii agrachuu dandahu. Investeroota gorsuu (Merge fi acquisition irratti, divestitures irratti, expansion irratti fi kanneen biroo irratti dalaguu dandahu). Ofiifis garee investment baank jedhamu hundeessuu dandahu
Baankiin Biyyoolesaa akka qaama olaanaa finansitti sirritti cimuu seerota baasuu fi raawwannaa isaa hordofuu dandahuu qaba. Baankiin biyyoolessaa poolisiifi piroosijerii garaagaraa kan yeroo waliin deemu baasun haala walii gala gabaa kappitalaa hordofuu qaba.
Waajjira olaanaa Gabaa Kaappitaalaa ijaaruu, Namoota achi keessa dalaguu dandahan qacaruu, Qaamolee alaa gorsa kennuu dandahan waliin hariiroo uumufi hojjechuu
Gabaa Kana keessatti wanti barbaachisu gurguddoon waan lama
Amantummaa (Integrity): Keessahuu namootni waajjira gabaa Kaappitalaa keessa hojjetan amanamoo tahuu qabu. Sobni fi odeeffannoo maamilaa baasuun yoo jiraate gabichi ni kufa.
Odeeffannoo yeroo yeroon haala walirraa hin citneen hawaasan gahuu. Odeeffannoon gabaa kappitalaa maallaqa. Murtee gaggeessuf, bituuf ykn gurguruuf wanti barbaachisu odeeffannoodha. Sanuu odeeffannoo qaacca’e.
Faayidaan gabaa kanaa Maali?
Gabaan kappitaalaa biyyoota guddataniif faayidaa hedduu akka qabu beekkamadha. Biyyoota guddinarra jiraniif garuu qorannoolee garaagaraatu jira. Qorannoon tokko tokko baayyee barbaachisa yoo jedhu, kan biroo ammoo lakki rakkoo hinfuru malaammaltummaf karra bana jedhu. Hundaafuu biyyootni hedduun gabaa kan qabu. Somaaliyaa dabalatee biyyotni 39 Afrikaa keessatti gabaa kappitalaa kana qabu. Faayidaa isa muraasa:
A. Guddina diinagdeef faayidaa olaanaa qaba. Namni sheerii bitatee akka duroomu, Dhaabbileen sheerii gurguruun akka investimentii baballisan taasisa. Keessattuu ammoo dhaabileen yeroo gabaabaf maallaqa of harkaa dhaban (liquidity problem) isaan qunname haala salphaan maallaqa argatanii hojii isaanii hojjechuu dandahu
B. Sirna faayinansii biyya tokkoo ni ammayyeessa. Galii dabalatallee akka rgataniif ni gargaara. Kana baayy’ee hin barreessu
C. Qala’iinsa jireenyaa yeroo dheeraa keessatti hirdhisuuf ni gargaara. Dhaabbileen Aksiyoona gurguran waan ummata baldhaa fayyadu irratti akka invest godhan waan haala mijeessuf inflation illee hirdhisuu dandaha. Dhaabbileen fayya, barnoota, ijaarsaa fi qonna irratti invest godhan waan sheeriin isaanii baldhinaan bitamuufuu qalaa’insi jireenya akka fooyyahu, sirni barnootaa, fayyaa fi qonnaa akka jabaatu ni taasisa yoo haalaan qabame
D. Hoji dhabdummaa hirdhisuuf ni gargaara: Tokkoffaa gabaan kun nama qacarata. Kan alammataa ammoo gabaan kun gabaa investimetiiti. Haga investimentiin jiru ammoo hojiin jira. Kanarraa kahuun hojii hidhisuuf biyyoota hedduu akka gargaare qorannooleen ni agarsiisu
E. Sirni neetworkii, Elektiriikii, Interneeti, Seekuriitii akka cimu taasisa. Keessahuu eegumsi sayiberii sirritti jabaachuu waan feesisuuf mootummas tahee qaamoleen gabaa kana keessatti involve godhan akka saayiber seekuritii irratti hojjetan taasisa.