ExpressAfrica
    • Advanced Search
  • Join
    • Login
    • Signup
Fayyaan Faaya Cover Image
User Image
Drag to reposition cover
Fayyaan Faaya Profile Picture
Fayyaan Faaya
  • My Wall
  • Groups
  • Following
  • Followers
  • Likes
  • Photos
  • Videos
Fayyaan Faaya profile picture
Fayyaan Faaya
9 days ago

Dogoggora ykn miidhama AARII (anger) irraan dhufe irra aanuuf akkamiin of tasgabbeessuu dandeenya?:
*************************************
1. Jalaqaba waan hundaa, utuu hun tasgabbaa'iin waa DUBBACHUU dhiisuudha.
2. Erga xiqqoo tasgabboofnee aarii keenya IBSACHUU qabna. Akka aarre dhokfachuun gaarii miti. Kanaaf ofii keenyaa fi hiriyyaa baay'ee amannuutti haasa'uudha.
3. Yeroo aarii keenya ibsannu yeroo mara jecha "ANI" (I) jedhu fayyadamuu qabna. Fakkeenyaaf, "Inni kan na aarse" ykn "Isheen kan na aarsite" jechuu irra, "An kanin aaree," jedhanii haasa'uun gaariidha.
4. SOCHII QAAMAA (physical exercise) xiqqoo hojachuun aariin keenya akka tasgabboofnu taasisa.
5. Waan hojjannu ykn yaadnu irraa yeroo xiqqoof BOQONNAA fudhachuu qabna.
6. Waan nu aarsurratti xiyyeeffachuu dhiifnee maaltu aarii kanaaaf FURMAATA ta'uu danda'a jennee dafnee yaaduu jalqabuu qabna.
7. DHIIFAMA gochuun aarii irraa fayyuuf aangoo guddaa qaba. Kanaaf dafanii dhiifama gochuun baay'ee gaariidha.
8. Haga danda'an BAACUU fi TAPHACHUUN hedduu nama gargaara. Akka aarte utuma beektuu baacuu fi taphachuun gaariidh.
9. MAALOOTA TASGABBII (relaition methods) fayyadamuudha. Waantoota akka meditation , fi jechoota dubbii salphisan kan akka "kun waal salphaadha" (take it easy) jedhan irra deddeebanii fayyadamuudha.
10. Dhunarratti yoo waan hundaan tasgabbiin dhibe, maatii, nama nutti dhiyaatu, ogeessa sammuu, abbootii amantii fi kkf GARGAARSA gaafachuudha.
*****************
Fayyaan faaya

image
Like
Comment
Share
Fayyaan Faaya profile picture
Fayyaan Faaya
3 months ago

Eeggannoo namoonni DHUKKUBA SUKKAARAA qaban gochuu qaban:
**************************
1. EGGANNOO QAAMAA
- Yoo qeensa qoratan of eeggannoo guddaadhaan akka of hin murretti qeensa gadi hambisuun qorachuu.
- Yoo kophee godhatan kophee baballaa ykn kan duraan kaa'atan irra lakkoofsa tokkoo ol dabalanii kaa'achuu.
- Yoo deeman miilla qullaa fi kopheewwan miilla mulisan kaa'achuu irraa of eeggachuu.
-Yoo miilla dhiqatan bishaan dilallaa'aadhaan dhiqachuu.
- Miilla isaanii irra yeroo yerootti akka madaan irra jiruuf hin jirre caqasuu qabu.
-Sababa adda addaatiin madaan miilla isaanii irratti yoo ba'e akka warra kaanii ofiin fayyuun waan yeroo dheeraa fudhatuuf mana yaalaa deemuu qaban.
2. QORICHA.
- Qoricha mana yaalaa nnuuf kennamu seeraan eegnee yoo fudhanne glukoosii qaama keenya keessaa ggarmalee akka olhin kaane taasisuudhaan rakkoo dhukkubi kun onnee kalee fi qaamota biroo irraan ga'u akka dafee hin dhufne tasisa.
3. NYAATA
- Waantoota qabiyyee sukkaaraa qaban kanneen akka shayii, dhugaatii lallaafaa mi'aawaa, fi kkf. Irraa of qusachuu qabna. Kuduraa fi Muduraa mimmiyaa'oo hin taane ammoo sirriitti siirachuudha.
Asirratti yeroo tokko tokko sukkaara baay'ibaay'isanii nyaachuudhaan dhukkubni sukkaaraa nama qaba jedhanii kan yaadan dogoggora. Erga dhukkuba sukkaaraan qabamnee garuu nyaachuu hin qabnu.)
- nyaata coomaa fi dhadhaaan itti bayyate nyaachuu irraa of qusachuu. Kunis nyaanni kun oofuma isaatiin illee rakkoo qaamota keenya akka onnee fi hiddoota dhiigaa irratti waan fiduuf warra dhukkuba kana qaban irratti ammoo waan irra hammaatuuf.
- Sababa adda addaatiin yoo sukkaarri qaama keessaa gadi bu'e mallattoo akka dafqisiisuu, dadhabsiisuu, rukkuttaan onnee garmalee akka nama fiigaa jiruutti rukkutuu fi of wallaaluu yoo argitan daftanii waan sukkaara qabu xiqqoo fudhachuu qabdu. Kan akka karamellaa, lallaafaa....... AKKUMA MALLATTOON SIRRAA'EEN GARUU DHAABUU QABNA. Yoo irra deddeebi'ededdeebi'ee yeroo baay'ebaay'ee nutti dhufe tarii dosen qoricha fudhachaa jirruu olka'aa ta'uu waan danda'uuf mana yaalaa deemnee sirreessisuu qabna.
*************
Fayyaan Faaya

image
Like
Comment
Share
Fayyaan Faaya profile picture
Fayyaan Faaya
3 months ago

Hir’ina vaayitaamin A: mallattoo fi furmaata!

MALLATTOO
■ Iji ofii halkan arguu dhabuu.
■ Iji ofii imimmaan dhabee goguu.
■ Qaamni ofii dhukkuba ittisuu dadhabuun infekshinoota adda addaan amma ammaa qabamuu.
■ Gogaa irratti mallattoon adda addaa ba'uu
■ Lafeen seeraan guddachuu dadhabuu.

KA'UMSA
■ Sooratawwan vaayitaminii kanaan badhaadhoo ta’an nyaachuu dhabuu.
■ Dhukkuboota addaa addaa, kanneen xuuxama soorataa hir'isan
■ Hir'ina nyaataa kanneen biraa akka hir'ina pirootiinii fi ayirenii illee hir'ina viitamin A ni fidu.

FURMAATA
■ Nyaatonni vaayitaamin A dhaan badhaadhoo ta’an soorachuu (Kaarota, dinnicha mi'ooftuu, hanqaaquu, fuduraalee fi muduraalee halluu keelloo fi burtukaanaa qaban, fudduraalee baalatti baat'atan akka salaaxaa fi raafuu)
■ Mana yaalaa deemuun vaayitaminii kana bifa qorichaan fudhachuu. Keessumaa daa'imman vaayitamina kana argachuu qabu.

Fayyaan Faaya

image
Like
Comment
Share
Fayyaan Faaya profile picture
Fayyaan Faaya
3 months ago

MADAA'UU GARAACHAA: ka'umsaa, mallattoolee fi ofgargaarsa!
**********************************************
Dhukkuba madaa'uu garaachaa (peptic ulcer disease) kan jennu, garaachi yokaan ammoo mar’umaan inni gara garaachaatti ol’aanuu yoo qunca'u (madaa'u) dha. Garaachi fi mar'umaan gara garaachaatti ol aanu kan qunca'u, walmadaaluu dadhabuu asidii
garaachi keenya oomishuu fi wantoota uumamaan asidii kana garaacha irraa ittisan gidduutti uumamuun dha.
**********************************************
MAALTU NAMATTI FIDAA?
1. Baakteeriyaa garaachaa H. paylori jedhamu.
2. Qorichoota dhukkubbii obsachiisuuf biraaf kennaman NSAID jedhaman akka, Ibuprofen, Aspirin, Diclofenac, endomethacin fi kkf dha.
3. Tamboo xuuxuu, kun addatti dhukkubni garaachaa akka dafee sadarkaa badaa irra gahuu fi yaaluuf ulfaataa tahu taasisa.
4. Alkoolii cimaa ta'e ykn baay'inaan dhuguu. Yeroo hedduu namatti fiduu caalaa, namatti hammeessaa.
5. Rakkoo haawasummaa ykn dhiphina sammuu akka: maatii waliin waldhabuu, hojii garmalee bay’achuu, hojii dhabuu,
galii baay’ee gad aanaa argachuu, mana adabaa turuu fi kkf dha. Kunis akkuma alkoolii fi tamboo baay'inaan namatti fiduu irra, namatti hammeessuu irratti ga'ee guddaa taphata.
**********************************************
MALLATTOOLEE AKKAMII QABAA?
1. Mallattooleen yeroo hedduu mul'atan: garaa handhuura olitti nama gubuu, garaan callisee guutee taa'uu, irra deddeebiin deeffachiisuu fi oldeebisuu yaaduu fa'i.
2. Mallattooleen nama muraasa dhukkubni kun itti cimaa ta'e irratti mul'atan ammoo: dhiiga ol deebisuu (dhiiga balaqqamuu), dhiiga gurracha (waan gubataa fakkaatu) bobbaa waliin ba'uu, afuura kutaa fi ulfaatinni garmalee hir'achuu fa'i.
**********************************************
AKKAMIIN OF GARGAARRAA?
1. Waantoota armaan olitti dhukkuba kana fidu jedhaman irraa of
qusachuu i.e alkoolii baay’isuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja malee fayyadamuu fi of dhiphisuu.
2. Nyaata dhukkuba kana nutti cimsan irraa fagaachuu. Nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan nyaatnaan nutti cimsu beekne nyaata sanarra fagaachuu qabna. Walumaa galatti garuu mi’eessitoonni akka barbaree, buna,
nyaatotaaf dhugaatii erga hojjetamanii turanii afaaniitti hadhaa’an (fknf farsoo ba’ee ture) namatti kaachisu.
3. Gara mana yaalaa deemuun sadarkaa dhukkubi kun irra jiru beekuu, qorannoowwan barnaachisoo ta'an akka qorannaa baakteriyaan h. pylori fi kanneen biroo taasisuudha.
**********************************************
Fayyaan faaya

image
Like
Comment
Share
Fayyaan Faaya profile picture
Fayyaan Faaya
3 months ago

DIIGAMUU GAA’ILAA MAALTU FIDA? [Gama xiinsammuun]
**************************
Bara kana gaa'illi hedduun kufaatii/diigamuuf kan saaxilamee dha.
Miidhaan kufaatii gaa'ila kanaarraa dhufu rakkoo qaamaa fi qabeenyaa qisaasuu jara kanaarraa ga'u irra darbee rakkoo xiinsammuu ijoollee isaanii fi aantee isaanii irraan akka ga'u qorannoo baayyeen mirkanaa'aa dha.
**************************
Sababa kufaatii gaa'elaa beekuun akka nama dhuunfaaatti, diigamuu gaa’ila ofii oolchuuf akka hawaasaatti ammoo baay'ina gaa’ila diigaamuu hir'isuuf hedduu nama gargaara.
**************************
Kanneen armaan gadii sababoota gurguddoo diigamuu gaa’ilaa fidan kan gorsitoota gaa'ilaa fi qaamoota seeraa biraa argamanii dha.
1. SAAL-QUUNNAMTIIN WAL-SIMUU DHABUU: baay’inaan dursanii utuu wal hin beekiin, saalquunnamtiin wal hin ilaalin wal-fuudhuu irraa kan dhufu ta'us guyyaa keessa illee sababa gara garaan dhufuu danda'a.

2. MIIRA, YAADA fi EENYUMMAA WALII KABAJUU DHABUU: utuu wal hin fuudhin, wal mararreeffachuu, akka walii kufan, walii caban, walii dhangala'an wlaitti himuun ni baay'ata. Gaa'ila keessatti Kun hir'ataa dhufa. Achumaanis, tasuma wal irraanfachuun, gadi wal ilaaluun, eenyummaa walii fudhachuu dadhabuun, wal cabsuun dhufaa deema. Akkasumas, rkkoolee walii erga wal-fuudhanii
booda walirratti argan fudhachuu dhabuu. Hubadhaa, rakkoon kun kan erga wal-fuudhanii jalqabe ykn kan ture ta'uu mala.

3. JIJJIIRAMA: jijjiirama ajandaa haalaa wajjin dhufan kanneen akka hojii jijjiiruu, bakka hojii jijjiiruu fi kkf.

4. ARAADA GAR-MALEE : araada alkoolii, tamboo, interneetii, qumaaraa, saa-lquunnamtii fi kkf ta'uu mala.

5. WAL AMANUU DHABUU: Kun saa-lquunnamtii, qarshii fi kkf irratti ta'uu danda'a. Yeroo kana Kan qaamni alaa keessa seenee qaawwaa isaanii ballisuu danda'u.

6. MIIDHAA GARMALEE: tokko isa biraa miiraan, qaamaan, qarshiin garmalee miidhuu danda'a. Keessattuu gaafa miidhaan kun kan miiraa ta'u miidhamaan sun gaa'ila isaa irratti abdii akka kutatu taasisa.

7. BAKKA NAMA BIRAA of KAA'ANII HAALA NAMNI SUN KEESSA JIRU ILAALUU DHIISUU: Utuun ishee /Isa ta'ee maalan godha ?? Namni biraanoo maal gochuu danda'a?? jedhanuu yaaduu dhiisanii kallattii ofiin qofa yaaduun diiggaa fida.
**************************
FURMAATA
¶UTUU ITTI HIN SEENIN YEROO GAHAA FUDHATANII WAL BARUU.
¶Erga itti seenanii qabxiilee armaan olii irratti xiyyeeffanoon hojjechuu.
¶Gaafa rakkoon jiraatu amala ogeessa mariisisuu guddifachuu.
**************************
HUB: GAA'ILLI RAKKOO GAMA TOKKOO QOFAAN HIN DIIGAMU/KUFU!

image
Like
Comment
Share
Load more posts
    Detail

  • Male
  • 11-30--1
    More info
    My photos 
    0
    Following 
    58
  • Tsegaye Es
    Jiregna Fe
    Sifilet Ni
    Rankethiop
    Answer Thi
    Dead Thoug
    Anaaf Waaq
    Nemera
    Beletekuma
    Followers 
    48
  • werilonina
    harryjaame
    Ethiojobs.
    Silgenixie
    teubxsic
    josssethom
    Tsegaye Es
    Jiregna Fe
    ይናገራል ፎቶ
    Likes 
    15
  • Ethio-Engi
    The Sky
    Hope With
    Billionair
    The Econom
    Leadership
    ቤተ መጻሕፍት
    Jobs
    Positive T
    Groups 
    1
  • Discover A

© 2021 ExpressAfrica

Language
  • English
  • Amharic
  • Afaan oromoo

  •   FAQs 
  • See COVID-19 Update
  • More
    • Privacy
    • Community Standards
    • About
    • News & Blogs
    • Pay
    • Money policy
    • Africa
    • FAQs
    • COVID-19 (Coronavirus) Updates

Unfriend

Are you sure you want to unfriend?

Report this User

Important!

Are you sure that you want to remove this member from your family?

You have poked Fayyaa

New member was successfully added to your family list!

Crop your avatar

avatar


Language
  • English
  • Amharic
  • Afaan oromoo
  • Home
  • About
  • Privacy
  • Community Standards
  • Help
  • News & Blogs
  • More
    • Pay
    • Money policy
    • Africa
    • FAQs
    • COVID-19 (Coronavirus) Updates

© 2021 ExpressAfrica

Comment reported successfully.

Post was successfully added to your timeline!

You have reached your limit of friends!

File size error: The file exceeds allowed the limit (244 MB) and can not be uploaded.

Unable to upload a file: This file type is not supported.

We have detected some adult content on the image you uploaded, therefore we have declined your upload process.

Share post on a group

Share to a page

Share to user

Your post was submitted, we will review your content soon.

To upload images, videos, and audio files, you have to upgrade to premium member. Go Premium Service

Edit Offer

0%

Sell new product

Seller Contact
0%